Qorannoofi Misoomni Ityoophiyaan damee Artifishaal Intalajansiin taasisaa jirtu abdachiisaadha- Ambaasaaddaroota

Finfinnee, Mudde 10, 2015 (FBC) – Qorannoo fi Misoomni Ityoophiyaan damee Artifishaal Intalajansiin taasisaa jirtu abdachiisaa ta’uu Ambaasaaddaroonni ibsan.

Ambaasaaddaroonni biyyoota garaagaraatti Ityoophiyaa bakka bu’an, dippiloomaatonniifi hoggantoonni olaanoon Ministeera Dhimma Alaa Gola Ambaa Saatinsii daawwataniiru.

Daawwanichaan Ityoophiyaan guddina saayinsiifi teekinooloojiif xiyyeeffannoo kan kennite ta’uu hubachuu ibsameera.

Keessumaa hojii qorannoofi misoomaa Inistiitiyuutiin Artifishaal Intalajansii, teekinooloojiiwwan artifishaal intalajansii guddina hawaasummaafi diinagdeef akka oolaniif hojjechaa jiru dinqisiifachuu ragaan inistiitiyuuticharraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment