Qorannoo saayinsaawaa beekkumsa biyya keessaan wal simsiisuun rakkoolee hawaas diinagdee furuuf qooda olaanaa qaba – Hayyoota

Finfinnee, Caamsaa 1, 2014 (FBC) – Qorannoo saayinsaawaan beekkumsa biyya keessaan wal simsiisuun rakkoolee hawaas diinagdee furuu keessatti qooda olaanaa qabaachuu hayyoonni himaniiru.
Yuunvarsiitii Mattuutti korri qorannoo 6ffaa mata duree “qorannoo fi beekkumsa biyya keessaa wal simsiisuun guddina hawaas diinagdee biyyaa mirkaneessuu” jedhuun guyyoota lamaaf gaggeeffamaa ture xumurameera.
Kora qorannoo biyyaalessaa 6ffaa Yuunvarsiitii Mattuun qophaa’eerratti hojiileen qorannoo garaagaraa 86 hayyoota yuunvarsiitiwwan adda addaan dhiyaataniiru.
Hojiilee qorannoo faayidaa hawaasaaf oolchuu irratti xiyyeeffannoon hojjetamuu akka qabu hayyopnni kunneen yaada kennaniin akeekaniiru.
Mareen biyyaalessaa gaggeeffamuuf jedhu jijjiirrama hawwamu mirkaneessuuf gumaacha olaanaa qabaachuu haayyonni qorannoo dhiyeessan kunneen eeraniiru.
Wabii midhaan nyaataa mirkaneessuu ilaalchisees qorannoowwan garaagaraa kan dhiyaate yoo ta’u, hanga ammaatti qorannoowwan sanyii filatamaa ba’an keessaa harki 22 qofti hojiirra ooluu himaniiru.
Qorannoon hojjetamu beekkumsa hawaasni qabuun karaa wal simeen hojiirra ooluu akka qabu hayyoonni kunneen akeekaniiru.
Yuunivarsiitiin Mattuu Waggaa kana keessa qofa qorannoowwan yeroo garaagaraa hojjetamaa turan keessa 84 gara hojiitti jijjiiruun bu’aa hawaasaaf oolchaa jiraachuus itti aanaan Preezdaantii Yuunvarsiitii Mattuu Dooktar Baddiluu Takkaa eeraniiru ragaan Waajjira Kominikeeshinii Mootummaa Godina Iluu Abbaa Boorirraa argame ni muul’isa.
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment