Qorannoo hanga ammaatti adeemsifameen naannoon Oromiyaa lafa hektaara miiliyoona 6.6 jallisiin misoomsuu akka danda’u adda baheera – Pir. Shimallis Abdiisaa

Finfinnee, Guraandhala 5, 2016 (FBC) – Mootummaan Naannoo Oromiyaa haala qabatamaa jiru hubachuun uwwisa bu’uuraalee jallisii dabaluuf hojiitti galuu Pireezidaantii naannichaa Obbo Shimallis Abdiisaan ibsaniiru.

Pireezidaanti Shimallis haala qabatamaa misooma jallisii naannoo Oromiyaa ilaalchisee ergaa dabarsaniiru.

Guutuun ergaa isaanii haala armaan gadiin dhiyaatera.

Qorannoo hanga ammaatti adeemsifameen naannoon Oromiyaa lafa hektaara miiliyoona 6.6 jallisiin misoomsuu akka danda’u adda baheera.

Lafti dabalataa hektaara miiliyoona tokko jiraachuu akka danda’u tilmaamni jiru ni agarsiisa.

Kan adda bahe keessaa, hektaarri miiliyoonni 4.3 bishaan lafa irraatiin akkasumas hektaarri miiliyoona 2.3 bishaan lafa jalaatiin misoomuun ni danda’a.

Hanga waggaa shanan har’aatti garuu, lafti jallisii gosa hundaaf oolchaa turre, hektaara kuma 400 kan hincaalledha. Sochii labsii inisheetivii qamadii bonee hordofee taasifameen, qamadii jallisii qofaan lafa hektaara
miiliyoona 2.8 dabaluun danda’ameera.

Sadarkaa waggoota shan dura turreen yoomadaalamu, raawwii ajaa’ibsiisaa guddina %900 qabuudha.
Haata’uutii, “Karoorri Xiiqii” keenya kaleessaan kan hinmadaalamne waan ta’eef, akka milkaa’inaatti fudhannee dagannaa keessa hingallu.

Akkasumas, akka “Karoora Waggaa Kudhanii” naannichaatti, ammas hojii maneen lama nu’eeggachaa jira.

Inni duraa, ammas lafti uwwisa jallisii jala galchuu qabnu bal’dhaadha.
Lammaffaa, lafa uwwisa jallisii babal’dhisuu cinaatti, lafa jallisii jala gale ijaarsa bu’uuraalee jallisiitiin utubuun nurraa eegama.

Uwisni jallisii hanga ammaa daballe hedduun, maloota akka paampii, cabsii bishaanii, qajeelcha lafaafi kkf irratti kan rarra’eedha.

Hanga bu’uuraalee jallisiitiin hindeeggaramnettis itti fufiinsa qabaachuu hindanda’u.

Yeroo ammaa lafti iskiimiin yaa’iinsa bishaanii hojjatameefi ittifufiinsaan jallisii jala gale hektaara.kuma 400 hincaalu.

Mootummaan Naannoo Oromiyaa, haala qabatamaa kana hubachuun ‘milkaa’ina’ gama uwwisa lafa jallisii dabaluun argame, bu’uuraalee jallisii guutuun dabaluuf karoorsee hojiitti galeera.

Haaluma kanaan, bu’uuraalee jallisii sadarkaa maatii, xixiqqaa, giddugaleessaafi gurguddaa babal’dhisuun, dhuma karoora waggaa kudhanii irratti, lafa dabalataa hektaara kuma 700’tti dhiyaatuuf bu’uuraaleen jallisii kan guutu ta’a.

Uwwisni kun, lafa bu’uuraalee jallisii/iskiimii guuttatee jallisii itti fufiinsa qabu jala galu gara hektaara miiliyoona tokkoo olitti kan guddisuudha.

Kun ammoo karoora akka biyyaatti qabame keessaa, %82.89 kan qooddatu ta’a.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment