Qorannaa sa’aa 24tin namoota 1829 irratti vaayrasiin koroonaa argame

Finfinnee, Hagayyaa 15, 2012 (FBC) – Ityoophiyaatti qorannaa sa’aa 24tin namoota 1829 irratti vaayrasiin koroonaa argamuu Ministeerri Fayyaa beeksise.
 
Qorannichaan namoonni 377 dandamataniiru.
 
Waliigalaan lakkoofsi namoota dandamatanii 13,913 ga’eera.
 
Sa’aa 24 darbeetin qorannaan laabraatoorii 23,035 hojjetameera.
 
Gabaasa kanaan namoonni 17 lubbuu isaanii kan ahaban yoo ta’u, Ityoophiyaatti waliigalaan lakkoofsi namoota lubbuu isaanii ahaban 637 qaqqabeera.
 
Waliigalaan lakkoofsi namoota vaayrasichi irratti argame 37,665 qaqqabeera.
 
Yeroo ammaatti namoonni 23,113 tursa addaa keessa kan jiran yoo ta’u, 248 wallaansa hordoffii cimaa keessa jiru.
 
Biyyattiitti waliigalaan qorannaan laabraatoorii 717,128 hojjetameera.
 
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Filatamoo
Comments (0)
Add Comment