Qorannaa sa’aa 24 darbeetin namoota 190 irratti vaayrasiin koroonaa kan argame yoo ta’u, 5 ammoo lubbuun darban

Finfinnee, Waxabajjii 2, 2012(FBC)- Qorannaa sa’aa 24 darbeetin namoota 190 irratti vaayrasiin koroonaa kan argame yoo ta’u, 5 ammoo lubbuun darban.

Sa’aa 24 darbe keessatti qorannaan samuudaa 4599 gaggeeffamuu Ministeerri Fayyaa beeksiseera.

Namoota kanneen keessaa 135 dhiirota, 55 ammoo dubartoota.

Umriin isaanii waggaa 1 hanga waggaa 87 keessatti argama.

Namoonni hunduu lammiilee Ityoophiyaati.

153 Finfinneerraa, 16 naannoo Oromiyaarraa, 10, naannoo Amaaraa, 2 naannoo Tigraayirraa, 3 naannoo Harariirraa, 3 naannoo Somaalerraa, 3 ammoo naannoo Kibbaarrayi.

Sirreeffama:- Gabaasa guyyaa kaleessa keessatti namoonni vaayasii koroonaa irratti argame 10 gabaasa darbe keessatti eeramanii waan turaniif dogoggoraan gabaafamuu fi gabaasni guyyaa kaleessa namoota 126 qofarratti kan argame ta’uu ministeerichi beeksiseera.

Sa’aa 24 keessatti vaayrasichaa lubbuun namoota 5 darbeera.

Waliigalaan namoonni lubbuun isaani darbe 32 ga’eera.

Guyyaa kaleessaa namoonni 18; 11 Finfinneerraa, 5 naannoo Amaaraarraa, 2 Somaaleerraa kan dandamatan yoo ta’u, waliigalaan amma ammaatti namoonni 379 dandamataniiru.

Amma vaayrasichi kan irra jiru 1,923, cimaa kan dhukkubsatan 32, , gara biyya isaaniitti kan deebifaman ammoo 2.

Waliigalaan Ityoophiyaatti qorannaan samuudaa namoota 152,334 kan hojjetame yoo ta’u, namoonni vaayrasichaan qabaman 2,336 qaqqabuu ministirri Ministeera Fayyaa Dooktar Liyaa Taaddasaan ifoomsaniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment