Qorannaa sa’aa 24 darbeetin namoota 136 irratti vaayrasiin koroonaa argame

Finfinnee, Waxabajjii 1,2012(FBC)- Qorannaa sa’aa 24 darbeetin namoota 136 irratti vaayrasiin koroonaa argame.
 
Sa’aa 24 darbe keessatti qorannaan samuudaa 4775 gaggeeffamuu Ministeerri Fayyaa beeksiseera.
 
Namoota kanneen keessaa 85 dhiirota, 51 ammoo dubartoota.
 
Umriin isaanii waggaa 1 hanga waggaa 97 keessatti argama.
 
124 lammiilee Ityoophiyaa yoo ta’an, 12 lammiilee biyyoota alaati.
 
115 Finfinneerraa, 9 naannoo Oromiyaarraa, 7 naannoo Tigraayirraa, 2 naannoo Harariirraa, 2 naannoo Somaalerraa, 1 ammoo naannoo Kibbaarrayi.
 
Guyyaa kaleessaa namoonni 17; 8 Finfinneerraa, 5 naannoo Amaaraarraa, 2 Afaarirraa, 2 Beenishaanguul Guumzirraa kan dandamatan yoo ta’u, waliigalaan amma ammaatti namoonni 361 dandamataniiru.
 
Amma vaayrasichi kan irra jiru 1,766, cimaa kan dhukkubsatan 32, waliigalaan namoonni lubbuun isaanii darbe 27, gara biyya isaaniitti kan deebifaman ammoo 2.
 
Waliigalaan Ityoophiyaatti qorannaan samuudaa namoota 147,735 kan hojjetame yoo ta’u, namoonni vaayrasichaan qabaman 2,156 qaqqabuu ministirri Ministeera Fayyaa Dooktar Liyaa Taaddasaan ifoomsaniiru.
 
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Filatamoo
Comments (0)
Add Comment