Qorannaa laabraatoorii sa’aa 24tin namoota 9 irratti vaayrasiin koroonaa argame

Finfinnee, Caamsaa 6, 2012 (FBC) –Qorannaa laabraatoorii sa’aa 24 keessatti taasifameen namoota 9 irratti vaayrasiin koroonaa argame.
 
Sa’aa 24 darbe keessatti samuudaan namoota 3,580 qoratameera.
 
Kana keessaa namoonni 9 vaayrasichaan qabamuun mirkanaa’uu ministirri Ministeera Fayyaa FDRI Dooktar Liyaa Taaddasaan ibsaniiru.
 
Salgan keessaa 4 seenaa imala biyya alaa kan qaban, 3 namoota vaayrasichaan qabamaniin qunnamtii kan, 2 ammoo seenaa imala alaas ta’e qunnamtii kan hin qabne ta’uu ibsaniiru.
 
Amma ammaatti waliigalaan qorannaan laabraatoorii samuudaa 45,278 hojjetameera.
 
Waliigalaan Ityoophiyaatti lakkoofsi namoota vaayrasichaan qabamanii 272 qaqqabeera.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Filatamoo
Comments (0)
Add Comment