Qorannaa laabraatoorii sa’aa 24 darbe keessatti gaggeeffameen namoota 14 irratti vaayrasiin koroonaa argame

Finfinnee, Caamsaa 11, 2012 (FBC) – Qorannaa laabraatoorii sa’aa 24 darbe keessatti saamuda namoota kuma 3 fi 271 gaggeeffameen namoota 14 irratti vaayrasiin koroonaa argame.

Namoota 14 keessaa 6 seenaa imala biyya alaa kan qaban, 7 namoota dhibichaan qabaman waliin tuttuqqii kan qaban, 1 ammoo seenaa imalaas ta’e tuttuqqii kan hin qabnedha jedhameera.

Kudha arfaan keessaa 9 Finfinneerraa, 1 Oromiyaarraa (konkolaachisaa daangaa qaxxaamuru), 3 naannoo Somaalee tursa addaa Jigjigaarraa, 1 naannoo Tigraay konkolaachisaa daangaa qaxxaamuru ta’uus ibsaniiru.

Namoonni kanneen koorniyaadhan 11 dhiira, 3 ammoo dubartoota.

Umriin isaanii ammoo 9 hanga 68 ta’uu Dooktar Liyaa Taaddasaan ibsaniiru.

Waliigalaan Ityoophiyaatti lakkoofsi namoota vaayrasii koroonaatin qabamanii 365 qaqqabeera.

Gabaasa guyyaa kaleessa baherratti Naannoo Amaaraa (iddoo turtii addaa Axaayee) jedhamee kan ibsame gabasaa Caamsaa 9, 2012 baherratti ibsamee kan turee fi guyyaa kaleessaa deebi’amee kan ibsame ta’uu ibsuun, guyyaa kaleessaa namoonni vaayrasichi irratti argame 34 ta’uu Dooktar Liyaa Taaddasaan ibsaniiru.

Qorannaan laabraatooriis samuudaa namoota 62,300f gaggeeffameera.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment