Qoqqoobbiin biyyoonni garee torbaa  Raashiyaarra kaa’an qaala’iinsa gatii Addunyaa hammeesse

Finfinnee, Waxabajjii 22, 2014 (FBC) – Qoqqoobbiin biyyoonni garee torbaa  Raashiyaarra kaa’an qaala’iinsa gatii Addunyaa hammeesse jedhame.

Tibbana biyyoonni garichaa Jarmanitti walga’uun qoqqoobbii haaraa Raashiyaarra kaa’aniiru.

Qoqqoobbiiwwan waraana Raashiyaa fi Yuukreen hordofee Raashiyaarra kaa’aman kaappitaalli alaa kamiyyuu gara diinagdee biyyattii akka hin seenne dhorkuuf ta’uu ni himama.

Qoqqoobbiiwwan yeroo ammaa ifooman oomisha warqee Raashiyaarratti kan xiyyeeffate ta’uu gabaafameera.

Qoqqobbiin biyyoonni Lixaa Raashiyaarra kaa’an qaala’iinsa gatii addunyaa hammeessuun biyyoota lixaa dabalatee diinagdee biyyoota garaagaraarratti dhiibbaa uumuu qorataan siyaasa addunyaa Fireedii Reediin eereera.

Miseensonni biyyoota garee torbaa fi Gamtaa Awurooppaa baatii Bitootessaarraa eegalee warqee Raashiyaa bituu dhaabaniiru.

Yaa ta’uutii addunyaarratti gatiin warqee haalaan dabaluu ibsameera.

Bara faranjootaa 2021tti gatiin alergii warqee Raashiyaa Doolaara biiliyoona 15 ga’uu kan tilmaamamu yoo ta’u, qoqqobbii wiixata darbe biyyattiirra kaa’ameen booda gatiin warqee biyyattii kufaa jiraachuu ibsameera.

Qoqqobbiiwwan Raashiyaarra kaa’amaa jiran qaamolee lameen gatii kaffalchiisaa jirachuu Fireedii Reediin dubbataniiru.

Ameerikaan qoqqobbii Raashiyaarra keesseen qaala’iinsa jireenyaa keessummeessaa jiraachuu kaasaniiru.

Biyyoota garee torbaas ta’e biyyoonni biroon karaa nagaa osoo filatanii hundaaf kan fayyadu ta’uu qoratichi yaadachiisaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment