Qophiin raawwii karoora yeroo dheeraa ce’umsa haqaa xumurame

Finfinnee, Hagayya 13, 2016 (FBC)- Qophiin raawwii karoora yeroo dheeraa ce’umsa haqaa xumuramuun hojiitti seenamuu Ministeerri Haqaa beeksise.

Ministirichi dhimmicha ilaalchisuun ibsa baaseen, imaammanni ce’umsa haqaa Ebla 9, 2016 mana Maree Ministirootaan ragga’uu hordofee, imaammaticha gara boqonnaa hojiirra oolchuutti ceesisuuf qophiileen duraa barbaachisan raawwatamaa turuu ibsan.

Hojiilee kanneen keessaa raawwii imammata ce’umsa haqaa, karoora sirna hordoffii fi deeggarsaa qopheessuu yoo ta’u, yeroo ammaa karoorri yeroo dheeraa xumuramuun hojiitti akka seenu taasifamuu akeekaniiru.

Kana malees dhaabbilee walabaa tooftaalee ce’umsa haqaa hojiirra oolchan hundeessuu fi gurmeessuuf qophiin hammattoowwan seeraa barbaachisaa ta’uun eerameera.

Haaluma kanaan labsii yakkoota idil addunyaan raggaasifaman, labsii hundeeffama komishinii deeggarsaa fi dhiifamaa fi dhaabbilee biroo hundeessuuf labsiiwwan wixineessuun saffisaan gaggeeffamaa jiraachuun eerameera.

Dabalataan hammattoo ce’umsa haqaan aangoo fi hojmaataa dhaddacha addaa dhimmoota yakkaa ilaalan hundeessuuuf, qophiin labsii dhaddacha addaa ce’umsa haqaa qindeessummaa Mana Murtii Waliigalaa Federaalaan akka gaggeeffamu ibsameera.

Dhimmicharratti ogeeyyii muuxannoo fi beekumsa gahaa qabaniin hammattoowwan seeraa kan qophaa’an yoo ta’u, adeemsi waliigalaa baatiiwwan lama keessatti akka xumuramu eerameera.

Hojiin seera wixineessuu akkuma xumurameen waltajjiiwwan marii sadarkaa biyyaalessaa fi idil addunyaatti akka qophaa’u himameera.

Haaluma kanaan hatattamaan seerota tumuun, kayyoowwan imaammaticharratti eeraman milkeessuuf, keessumaa tooftaalee ce’umsa haqaa fayyadamuun haqa baasuuf, adeemsa araarri ittiin bu’u b’uuressuu, itti gaafatamummaa yakkaa mirkaneessuuf, hojmaata araaraa bu’uuressuuf, gaafatamummaa yakkaa mirkaneessuuf, haaldureerratti dhiifama hojiirra oolchuuf deeggarsaa fi hojiilee fooyyessa dhaabbatummaa gaggeessuu fi waliigalaan haqa guutuu ta’e mirkaneessuuf gahee olaanaa akka bahatu ministeerichi beeksiseera.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment