Finfinnee, Amajjii 17, 2015(FBC)- Yaa’ii Gamtaa Afrikaa baatii Guraandhalaa gaggeeffamuuf qophiileen taasifamaa jiran gamaaggamaman.
Yaa’iin Hoggansa Gamtaa Afrikaa 36ffaafi Yaa’iin Raawwachiistota Gamtichaa 42ffaan baatii bara faranjootaa Guraandhala 15-19’tti magaalaa Finfinneetti ni gaggeeffama.
Yaa’icha haala milkaa’aa ta’een gaggeessuuf koreen qophii biyyaalessaa dhaabbilee 30 miseensummaan of keessatti haammate hundaa’uun hojiilee garaagaraa hojjechaa jiraachuu eerameera.
Yaa’ichi Ityoophiyaan haala rakkisaa keessa turte keessaa yeroo ba’aa jirtutti kan gaggeeffamu ta’uunsaa dhiibbaa gaarii uumuuf carraa kan banu ta’uu Ittaanaan Muummee Ministiraafi Ministirri Ministeera Dhimma Alaa obbo Dammaqaa Makonnin ibsaniiru.
Yaa’icha kan bara darbeerra haala fooyya’aa ta’een keessummeessuun barbaachisaa ta’uu kaasaniiru.
Milkaa’ina yaa’ichaaf qaamoleen dhimmatootaa qindoominaan hojjechuu akka qaban hubachiisaniiru.
Koreen biyyaalessaa hundaa’es bakka obbo Dammaqaa Makonnin argamanitti hojiilee hanga ammaatti hojjete gamaaggamuu ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni mul’isa.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.