Qopheessitoonni Fooramii Xaanaa hirmaattota galateeffatan

Finfinnee, Onkololeessa 6, 2015 (FBC)- Qopheessitoonni Fooramii Xaanaa 10ffaa hirmaattota galateeffataniiru.

Guyyoota sadiif Magaalaa Baahirdaaritti gaggeeffamaa kan ture Fooramiin Xaanaa xumurameera.

Yaa’ichi “Yaaddoowwan nageenyaa to’achuun, dandeetti dhiibbaa dandamachuu Afrikaatti ijaaruuf” mata duree jedhuun gaggeeffameera.

Fooramicharratti dhimmoota nageenyaa, tasgabbii fi tikaa Afrikaarratti mari’atameera.

Fooramichaa cinaattis dhimmoota garaagaraarratti dureewwan biyyoota Afriikaa hirmaatan waliin mariin bu’aa qabeessii gaggeeffamuun ibsameera.

Fooramiin Xaanaa dhaabbata hariiroo ummataa Afriikaa uuman, aadaa fi seenaa isaanii waliif qoodan, yaadota rakkoolee aardichaa furan haaraan kan irraa maddan ta’e akka itti fufu mootummaan deeggarsa barbaachisaa taasisuu itti fufa jedhameera.

Yaa’icha kan qopheesse Dhaabbata Qorannoo Nageenyaa fi Tikaa Yuunivarsitii Finfinneeti.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment