Qophaa’umma loltummaa raayyaa ittisaa biyyaa sadarkaa olaanaan guddisuun danda’ameera jedhame

Finfinnee, Waxabajjii 9, 2014 (FBC) – Ga’umsaa gama maraa raayyaa ittisaa guddisuu fi sadarkaa qophaa’ummaa loltummaarraan ga’uuf karoorri qabame milkaa’uu danda’eera jedhan Ittigaafatamaan Biiroo Insipeektar Jeneraalaa Raayya Ittisaa Letenaal Jeneraal Dirribaa Mokonnin.

Biirichi cimina raayyaa ittisaa caalmaan cimsuu fi hanqinaalee jiran sirreesuun qophaa’umaa raayyaa kan mirkaneessuudha.

Kana malees, gufuuwwan umamaa fi namtolchee darbuun ga’umsa dirqama raawwachuu dandeessisu ijaaruu ibsan.

Biyya diiguuf humna weeraraa fi farra nageenyaa dhabamsiisuu akka danda’utti kan ijaarame ta’uu himanii, gama maraan qophaa’ummaa amansiisaa mirkaneesuun danda’amuu hubachiisan.

Sadarkaa inispeeshiniitti raayyaan ittisaa fuulduratti hojiilee hojjetaman tarsiimoo akkaniin akka hojjetamanii fi sadarkaa qophaa’umaa loltummaa miseensota kutichaas mirkaneessuun akka danda’ame eeraniiru.

Biirichi inispeekshinii ministeeraa raayya ittisa biyyaan erga hundeeffamee eegalee qophaa’ummaa loltummaa raayyaa sakatta’uu fi to’achuun hojiilee bu’a qabeessa hojjechuu Letenaal Jeneraal Dirribaa Mokonniin himuu isaanii ragaan raayyaa ittisaarraa argamee ni mul’isa.

Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment