Finfinnee, Qaammee 4, 2013 (FBC)-Itti aanaa preezdaantii naannoo Kibbaa obbo Ristuu Yirdaaw jala bultii bara haara 2014 qormaata walxaxaa keessaa taanee jiraannuus qormaaticha injifannee bara uummattoota keenyaa gara boqonnaa haaraatti ceesisnuu akka ta’uu abdii guutuun qaba jedhaniiru.
Bara haara wayita yaannuu dursine kan yaannuu yaada haaraa, abdii haaraa fi jireenyaa haaraadha jedhaniiru.
Abdiin biyyaa keenyaarratti muul’atan kan isaan hin gammachiifne gareen shororkeessaa ABUT lolaa filannoo taasifachuun lammiileerratti hojii yakkaa raawwataa jira jedhaniiru.
Gareen shororkeessaa kun birmaddummaa biyyatti balaarraa buusuuf tattaaffiin taasisaa jiruu uummattoota guutuu biyyattiin barbadeeffamuu qaba jedhaniiru.
Biyya aabbootiin keenyaa dur lafee fi lubbuu isaanii aarsaa itti taasisuun nuf dabarsaan diinaaf dabarsiine hin laannuu shirri diinoota keessaa fi alaa caalmaan tokkummaan keenyaa akka cimuu taasiseera jedhan.
Uummattoota guutuu biyyaattiif baga bara haara 2014 isiin gahee barrii haaraan kan nagaa, fayyaa fi badhaadhinaa isiif ha ta’uu jechuun erga isaanii dabarsaniiru.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.