Finfinnee, Eebila 21, 2013 (FBC) – Hojii misooma qonnaa mala kilaasteraan gaggeeffamaa jiru cimsuuf qooda fudhattoota bu’aa gaarii galmeessisaniif badhaasni kennamuu ibsameera.
Waggoota lamaan darbanitti qonnaan bultoonni mala kilaasteraan oomishtummaa isaanii dabaluun bu’a qabeessa ta’aniif Biiroon Qonnaa fi Qabeenya Uumamaa Oromiyaa Ejensii Tiraanisfoormeeshinii Qonnaa Damee Oromiyaa waliin ta’uun baadhaasuu himameera.
Qonnaan bultoota, ogeeyyii qonnaa, hojjetaa misoomaa fi Aanaalee hojii misooma qonnaa mala kilaasteraan gaggeessuun bu’a qabeessa ta’uun hojii fakkeenyummaa qabu hojjetaniif badhaasni adda addaa laatamuu eerameera.
Bara oomisha 2012/13tti lafa qonnaa hektaara miiliyoona 6.1misoome keessaa miiliyoonni 2.2 mala kilaasteraan kan misoome yoo ta’u, bara kana immoo caalmaatti guddisuun lafa hektaara miiliyiina 3.6 mala kilaasteraaan misoomsuuf karoorfamuu himameera.
Badhaasni laatame hojiin kun caalmaatti akka babal’atuuf qooda fudhattoota jajjabeesuuf ta’uu Daayreekterri Proojektii Ejensii Tiraanisfoormeeshinii Qonnaa Damee Oromiyaa obbo Dassaalleny Dhugumaa ibsuu isaanii ragaan Biiroo Qonnaa fi Qabeenya Uumamaa Oromiyaarraa argame ni agarsiisa.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.