Qonni magaalaa qaala’iinsa gabaa namtolchee hir’isuu keessatti qooda bahachuu jalqabeera-Pir. Shimallis Abdiisaa

Finfinnee, Sadaasa 15, 2016 (FBC)- Qonni magaalaa wabii nyaataa mirkaneessuun cinaatti qaala’iinsa gabaa namtolchee hir’isuu keessatti qooda bahachuu jalqabuu Pireezidantiin Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan eeran.

Pireezidaanti Shimallis gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin akka ibsanitti inisheetiviin Qonna Magaalaa sochii wabii nyaataa mirkaneessuuf taasifamu utubaa jira.

Barana, dhaadannoo “Nyaata koo qe’ee kootii” jedhuun, magaalota Oromiyaa hunda keessatti sosochii qabatamaa uumamaa jira jedhaniiru.

 

Qonni magaalaa wabii nyaataa mirkaneessuun cinaatti, aadaa hojii cimsuu, carraa hojii uumuu, itti fayyadama lafaa fooyyessuu fi qaala’iinsa gabaa nam-tolchee (faddaaltotaan uumamu) hir’isuu keessatti qooda bahachuu jalqabuu akeekaniiru.

 

Mootummaan Naannoo Oromiyaa, namoota dhuunfaa, dhaabbilee fi waldaalee hojii qonnaa magaalaa irratti gurmaa’aniif dhiyeessii lafaa, callaa guddistuu, sheedii, sirna gabaa salphaa fi mijataa, deeggarsa ogummaafi kanneen birroo yeroo kamiiyyuu caalaa dhiyeessuuf qophii ta’uu himaniiru.

 

Fuulduraattis, qorannoo qonna magaalaa qopha’e irratti hunda’uun, baajata barbaachisu ramaduun sochii inisheetivii qonna magaalaa daran hojiirra kan oolfamu ta’uu ibsaniiru.

 

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment