Finfinnee, Eebla 13, 2015 (FBC) – Qonni Magaalaa Karoora sagantaa Maaddii madaalawaa milkeessurra darbee, Aadaa hojii keenya daraan kan jijjireedha jedhan Pireezidaantiin Mootummaa naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisan.
Guyyaa har’aa daawwannaa Muummee Ministira FDRI Abiy Ahimad waliin Magaalaa Bishooftuutti taasisneen Hojiin Qonna Magaalaa Naannoo Oromiyaatti hojjetamaa jiru akkaata karooraa qabanneefi xiyeeffannaa olaanaan hojjetamaa jiraachuu mirkaneeffanneerra jedhan.
Sagantaa karooraa fi qorannoodhaan eegalle milkeessuuf cimanii hojjechuufi cichoomina kaayyoo qofa akka gaafatu waan beeknuuf cimnee hojjennee, kaayyoo keenyattis cichinee har’a Sagantaa Qonna magaalaatiin hawaasa Magaalaarra darbee hawaasni keenya Baadiyyaas Qe’ee jireenyaa isaanii keessatti hojii wal fakkaataarrattti bobba’uun Sagantaa Qonna Magaalaa dhugoomsaa jiru.
Qonni Magaalaa Karoora sagantaa Maaddii madaalawaa milkeessurra darbee, Aadaa hojii keenya daran kan jijjireedha jechuun Fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin ibsaniiru..
Sagantaan Qonna Magaalaa Wabii Nyaataa mirkaneessuun madda galii dabalataa ta’aa jira. Keessumattuu Kutaalee hawaasaa qaamaa fi humnaan dadhaban,(Manguddoota, Haadholii fi Qaama Miidhamtoota) iddooma jiraniitti fi lafa xiqqoo qabanitti fayyadamanii nyaata isaaniin akka of danda’an, darbees madda galii biraa akka qabaatan taasiseera jedhan.
Kun Aadaa hojii Uummata keenyaa daraan kan jijjiireedha.
Gama biraatin Hojiin Qonna Magaalaa Qonna idilee keenya jajjabeessuufi Imala badhaadhina Maatii mirkaneessuun Badhaadhina Biyya keenyaa dhugoomsuuf taasisaa jirruuf humna dabalataa waan nuuf ta’eef gara fuulduraattis cimsinee itti fufna.
Milkaa’ina hojii kanaaf Yaada hojii Qonna Magaalaa maddisiisuurraa jalqabee deeggarsa yeroo yeroon nuuf taasisaa jiraniif Muummee Ministiraa Keenya guddiseen galateeffadha.
Dabalataan Hoggansa Naannoo Keenyaa, Ogeeyyii fi Qorattoota Qonnaa akkasumas Gootota Misoomaa hawaasa naannoo keenyaa hundumaa nan galateeffadha jechuun ergaa dabarsaniiru.
#Oromiyaa #Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.