Qonni magaalaa hanqina nyaataaf fala kaa’eera

Finfinnee, Waxabajjii 8, 2012 (FBC) – Addunyaarratti namoonni carraa diinagdee isaanii barbaachaaf sochii iddoo tokko gara iddoo biraatti taasisaan dabaluu irratti hundaa’un adduunyarratti magaaloonni ariitiin guddachaa dhufaniiru.

Sosochiin namoota kunneenis yeroo itti aanaaniifis akka dabaluu  ragoolee ni muul’dhisu. akka ragaan Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii muul’dhisutti bara Farnajoota 2018 adduunyaarratti namoonni %55  jiraataa magaalaa ta’aniiru. Kunis waggaa 50 keessaatti %68 ni gaha jedhamee eegama.

Magaaloonni faayinansii biyyoota, gidduugala aadaa fi siyaasaa ta’uu itti amanamaa.magaaloonni kunneenis mirkaneessaa wabii nyaataa  fi nyaataa gahaa qabuuyi ? gaaffii jedhuuf gaazixaan Nechaar Food qorannoo dhiyeenya ifoomee bu’uura godhachuun deebii eeyyee jedhu ka’eera.

Akka qorannoon Yunuuvarsiitii Sheefildiitti gaggeeffame muul’dhisutti bakkeewwan magariisa magaaloottatti argaman %10 tti qonna magaalaa fayyadamuun %15 feedhii nyaataa uuwwisuu akka danda’aamu ibseera.

Bakka bu’aa Inistityuutii Itti Fufiinsa nyaataa yuunivasiiticha kan ta’an Jiil  Eediimansan, NBCf akka himanitti, misoomni kuduraa fi muduraa qonna magaalaaf hedduu mijatoodha.

Qonni magaalootaatti raawwatamu kanneen akka kuduraa fi muduuraa jiraattootaaf oomishni ho’aan akka qaqqabuu taasisuu fi wabii nyaataa mirkaneessuuf ni gargaaraa.

Akka ragaa DHMG tti adduunyaarratti namoonni miiliyoonni dhibbi 8 fi miiliyoonni 21 ta’an nyaataa madaalawa hin argatani.ta’uus qonni magaalaatti taasifamuun rakkoo mudatuu furuu akka danda’u ni muul’dhisa.

Akka gabaasa NBS tti biyyee fi ifa aduu osoo hin fayyadamiin mana keessaatti kuduraa fi muduran misoomsuun akka danda’aamu teeknooloojii haaraa Haayidroofooniiks jedhamu qabatee dhufuu himeera.

Dhiyeenya bulchiinsi magaalaa Finfinnee qonna magaalaa tumsuuf duulaa bal’aa banuu isaa ni yaadatama.

Jiraattoonnis oddoo isaaniirra misooma kuduraa fi muduraa akkasumas horsiisaa lukkuulee akka hojjeetaniif jajjabeessuurra darbe qonnaan bultoonni magaalichaaf oomishaa gahaa akka dhiyeessaaniif qonna magaalaarratti akka bobba’aniif deeggarsa taasisaa jira.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Comments (0)
Add Comment