Qonnan bultoonni muuxannoo meshaalee qonnaa ammayya’aatti fayyadamu guddisuu akka qaban ibsame

Finfinnee, Gurraandhala 8, 2012 (FBC) – Qonnan bultoonni muuxannoo meshaalee qonnaa ammayya’aatti fayyadamu guddisuu akka qaban Daayreektarri Olaanaan Ejansii Hojii Gamtaa Federaalaa obbo Usmaan Suruur ibsaniiru.

Guyyaa har’aa feestivaali qonnaan bultootaa naannoo Oromiyaa godina Arsii magaalaa Boqqojjiitti banameera.

Sirnicharratti argamuun haasaa kan taasisaan obbo Usmaan qonnan bultoonni itti fayydama teeknooloojii akka fooyya’uf ga’een feestivaala olaanaa ta’uu himaniiru.

Mootummaan oomishaa fi oomishtummaa qonnaa guddisuuf qajeelfamoota garagara foyyeessu dubbataniiru.

Meeshaalee qonnaa ammayya’aa taaksirra bilisaa galchuun qonnaan bulaa fayyadamaa taasisufi jedhan.

Hayleyesuus Makonniintu gabaase

Comments (0)
Add Comment