Finfinnee, Waxabajjii 27, 2013 (FBC) – Qonnaan bultoota bulchiinsa magaalaa Galaaniif saayit pilaaniin abbaa qabeenyummaa lafaa laatamuu himameera.
Qonnaan bulaan lafee dugdaa guddina biyyaa ta’uu hojiin agarsiisuuf kan hojjetaa jiraachuu Bulchiinsi magaalichaa ibseera.
Qonnaan bultoonni guddina biyya tokkoof wiirtuu lafee dugdaa ta’uu jechaan osoo hintaane hojiin agarsiisuuf qonnaan bultootaa fi maatii qonnaan bultoota kanaan dura sababoota garaagaraan lafti irraa fudhatame deebisee dhaabuuf saayit pilaanii abbaa qabeenyummaa lafaa kenneerra.
Hojiin qonnaan bultoota qabeenyi isaanii sababoota garaagaraan harkaa ba’e deebisuu kan itti fufu ta’uu kan ibsan Itti aantuun kaantiibaa bulchiinsa magaalaa Galaan Aadde Waynisheet Gizaaw, qonnaan bultoonni fi ijoolleen isaanii pilaanii harka isaanii ga’e jabeeffachuu akka qaban yaadachiisaniiru.
Akka bulchiinsa magaalaa Galaanitti har’a qofa saayit pilaaniin kumni 3 fi 267 qonnaan bultootaa fi ijoollee qonnaan bultootaaf dabarfamee kennameera.
Waliigala hanga ammaatti hojii qonnaan bultootaa fi ijoollee isaanii deebisanii dhaabuuf hojjetameen saayit pilaaniin kumni 5 fi 547 laatamuu itti aantuun kaantiibaa bulchiinsa magaalaa Galaan Aadde Waynisheet Gizaaw himaniiru.
Iddoosaa Abdiitu gabaase.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.