Qonnaan Bultoonni oomisha jallisiirraa fayyadamoo akka ta’an hojjetamaa jira

Finfinnee, Eebila 23, 2012 (FBC) – Qonnaan Bultoonni oomisha jallisiirraa kallattiin fayyadamoo akka ta’aniif hojjetamaa jiraachuu Biiroon Qonnaa fi Qabeenya Uummaamaa Oromiyaa beeksise.
 
Godina Shawaa Kaabaa aanaa Abbichuu fi Nya’aatti kaarootiin jallisiin misoome aanga’oota olaanoo naannichaan daawwatameera.
 
Aanichaatti lafti kanaan dura dheedumsa qofaaf oolaa ture teeknooloojiin misoomuun qonnaan bultoota fayyadamoo taasisaa jira jedhameera.
 
Rakkoo gabaa jiru furuuf qonnaan bultoonni oomisha isaanii kallattiin gara giddugala gabaa magaalaa Finfinneetti akka gurgurataniif hojjetamaa jiraachuu hogganaan Biiroo Qonnaa fi Qabeenyaa Uummamaa naannoo Oromiyaa obbo Dhaabaa Dabaleen himaniiru.
 
Hojmaanni kun giddugalummaa faddaaltoota seeraan alaa hambisuuf shoora olaanaa qaba jedhame.
 
Sababa weerara vaayrasii koroonaan kufaatiin diinagdee akka hin muudanneef misooma qonnaarratti xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuus obbo Dhaabaan himaniiru.
 
Akkasumas hanqina midhaan nyaataa muudachuu danda’u hambisuuf qonnaan bultoonni xiyyeeffannoo addaan hojii qonnaarratti bobba’uu akka qaban obbo dhaabaan dhaamuu isaanii ragaan Biiroo Qonnaa fi Qabeenyaa Uummamarraa argame ni muul’isa.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Comments (0)
Add Comment