Qonnaan Bultoonni naannoo Tigraay gara hojii idileetti deebi’aa jiraachuu ibsan

Finfinnee, Guraandhala 24, 2015 (FBC) – Qonnaan Bultoonni naannoo Tigraay waliigaltee nageenyaa as gara hojii idileetti deebi’aa jiraachuu ibsaniiru.

Qonnaan bultoonni kunneen hanqinni dhiyeessii galtee qonnaa akka furamuuf gaafataniiru jedhame.

Waliigalteen nageenyaa erga taasiifamee gara hojii misoomaatti deebi’uu isaanii qonnaan bultoonni Godina Kibba Tigraay aanaa Taahiitaay Qoraaroo Faanaa Biroodkaastiing Korporeetiif himaniiru.

Aanichatti lafti hektaarri kumni 1 fi 100 jallisii Boneen misoomaa jiraachuu Waajjirri Qonnaa Aanichaa ibseera.

Aanichatti hanqinni Xaa’oo, Sanyii filatamaa fi boba’aa jiraachuu Qindeessaan Hojii Misooma Jallisii waajjirichaa Iyyoob Gabramadihiin ibsaniiru.

Naannawichatti Kuduraa fi muduraan, Boqqolloo, Shimburaa fi Qullubbiin jallisiin misoomaa jiraachuu kaasaniiru.

Hanqina dhiyeessii mudate furuuf qooda fudhattoota waliin hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.

Afawarqi Iyyaayyuutu gabaase.

#Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment