Finfinnee, Sadaasa 17, 2014 (FBC)- Qonnaan bultoonni magaalaa Finfinnee kutaa magaalaa Lammii Kuraa haala waqtaawaa biyyarratti marii gaggeessaa jiru.
Qonnaan bultoonni kunneen rakkoo yeroo amma biyyattin keessa jirtu furuun haala danda’amuurratti mari’ataniiru.
Gareen shoroorkeessaa ABUT waraanaa baneen lammiilee miidhaaman deeggaruuf eejjennoo kan qaban ta’uu ibsaniiru.
Kana malees garichaa qolachuuf tattaaffii taasifamuu keessaatti kan hirmaataan ta’uu himaniiru.
Waltajjicharratti abbootiin Gadaa, hoggantoonni magaalaa Finfinnee fi itti gaafatamtoonni kutaa magaalaa Lammii Kuraa argamaniiru.
Xumura waltichaarratti qonnaan bultoonni kunneen raayyaa ittisa biyyaaf dhiiga arjoomuu fi galaa kan qopheessaan ta’uu ibsameera.
Gammachuu Beekumaatu gabaase.
Naannoo keessan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.