Qonnaan Bultoonni Godinaalee Harargee qonnaan bultoota aanaa Dandiif hojii kunuunsa qabeenya uumamaarratti muuxxannoo qoodan

Finfinnee, Bitootessa 1, 2014 (FBC) – Qonnaan Bultoonni Godinaalee Harargee Lixaa fi Bahaa qonnaan bultoota aanaa Dandiif Haroo Dandirratti hojii kunuunsa qabeenya uumamaa hojjechuun muuxxannoo qoodaniifiru.
Qonnaan bultoonni kunneen naannawaan Haroo Dandii Dhiqama biyyoof akka hin saaxilamne Daagaa hidhuurratti muuxxannoo qaban qonnaan bultoota aanaa Dandiif qoodaniiru jedhame.
Hojii daagaa hidhuun muuxxannoo qooduu fi qooddachuu qofa osoo hin taane walitti dhufeenya isaanii kan cimsatan ta’uu qonnaan bultoonni kunneen ibsaniiru.
Itti aanaa Hogganaan Biiroo Qonnaa Oromiyaa obbo Eeliyaas Kadir hojii daagaa naannawaa Haroo Daanditti hojjetame daawwachuun qonnaan bultoota kanneen jajjabeessuu ibsameera.
Bara kana akka Oromiyaatti Hojii Misooma Sululaan bu’aa jajjabeessan argamuu obbo Eeliyaan eeraniiru.
Lalisee Tasfaayeetu gabaase.
Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment