Qonnaan bultoonni godina Jimmaa hanqinni dhiyeessii xaa’oo fi sanyii filatamaa jiraachuu ibsan

Finfinnee, Eebila 17, 2014 (FBC)- Qonnaan bultoonni godina Jimmaa hanqinni dhiyeessii xaa’oo fi sanyii filatamaa jiraachuu ibsaniiru.

Qonnaan bultoonni godinichaa qonna arfaasaa fi gannaaf qophii dursanii eegalanus hanqinni dhiyeessii xaa’oo biyyoo fi sanyii filatamaa jiraachuu eeraniiru.

Kun ammoo yeroo oomishaa nu jalaa dabarsuu danda’a jechuun yaaddoo qaban Faanaa Broodkaastiing Korporeetitti himaniiru.

Waajjirri Qonnaa fi Qabeenya Uumamaa godinichaa gamasaan, qonnaan bultoota godinichaaf xaa’oo biyyee dhiyaachuuf karoorfame kuntaala kuma dhibba 7 fi kuma 90 keessaa %31 qofti harka qonnaan bulaa ga’uu ibseera.

Godinichatti lafa heektaara kuma dhibba 5 fi kuma 60 qonna arfaasaa fi gannaan misoomsuuf karoorfame keessaa %70 qophiin lafaa taasifamuu waajjirichi eereera.

Muktaar Xahaatu gabaase.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment