Qonnaan bultoonni 505 omisha isaanii kalattin gabaa alaaf dhiyeessaa jiru

Finfinnee, Hagayya 25, 2016 (FBC)- Godinaa Jimmaatti qonnaan bultoonni 505 oomisha bunaa isaanii kallattiin gaba alaafa dhiyeessa jiraachuu Bulchiinsi godinichaa beeksise.

Godinichatti qulqulina bunaa eegsisuun al ergee dabaluun haala danda’amu irratti mariin qooda fudhattootaa Magaalaa Aggaarootti gaggeeffameera.

Waltajjicharratti Bulchaan Godina Jimmaa Obbo Tijjaanii Naasir hojiiwwan qulqulina bunaa eegsisuurratti hojjatamaa tureen, yeroo ammaa qonnaan bultoonni 505 omisha isaanii kallattiin gabaa alaaf dhiheessaa jiraachuu dubbataniiru.

Abbootiin qabeenyaa damecha irratti hirmaataa jiranis dabalaa jiraachuu eeruun, qulqulina irratti xiyyeeffachuun damichaarraa sharafa alaa argamu dabaluuf kan hojjatamu ta’uu himaniiru.

Kantiibaan Magaalaa Aggaaroo Obbo Naziif Mahammadamiin gama isaaniin, seeraan alummaa daldala bunaan mul’atu dhabamsiisuuf qindomiinaan hojjatamaa jira jedhan.

Daldala bunaa, karaa seera qabeessa dinagdee biyyaa ijaaruu danda’u qofaan raawwaatamuu akka qabu dhaamaniiru.

Mariichaan dabalatatti oyiruun bunaa fi haalli bunni itti sassaabamaa jiru daawwatameera.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment