Finfinnee, Fulbaana 26, 2014 (FBC) – Qonnaan Bulaan naannoo Oromiyaa jijjiiramaaf qophii ta’uu Preezdaantiin Bulchiinsa mootummaa naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa ibsaniiru.
Sagantaa beekkamtii laachuu fi marii Oomisha avookaadoo al-ergiif qophaa’e irratti haasaa taasisaniin qonnaan bulaan Oromiyaa deeggarsa barbaachisu argannaan jijjiirama barbaadamu fiduuf qophaa’ummaa olaanaa qabaachuu Preezdaant Shimallis ibsaniiru.
Qonnaan bulaan xiyyeeffannoo guddaan oomishaalee al-ergiif oolan irratti hojjachuu akka qabu eeraniiru.
Qonnaan bulaan baay’inaan, qulqulinaa fi ariitiin oomishuun dhimma ijoo himuu akka qabu hubachiisuu isaanii ta’uu ragaan Biiroo Dhimmoota Kominikeeshinii mootummaa naannoo Oromoyaarraa argame ni muul’isa.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.