Qonnaa gannaa bara oomisha 2014 fi 2015tiin lafa heektaara miiliyoona 4.5 kilaasteraan misoomsuuf hojjetamaa jira jedhame

Finfinnee, Caamsaa 6, 2014 (FBC) – Qonnaa gannaa bara oomisha 2014 fi 2015tiin lafa heektara miiliyoona 4.5 kilaasteraan misoomsuuf hojjetamaa jirachuu itti aanaan Biiroo Qonnaa Oromiyaa obbo Geetuu Gammachuun himaniiru.

Qonnaa gannaa bara oomisha 2014 fi 2015tiin lafa heektaara miiliyoona 6.3 misoomsuuf karoorfamee lafti heektaarri miiliyoona 4.5 misoomsuuf hojjetamaa jiraachuu himaniiru.

Godina Arsii Aanaa Digaluu fi Xijjootti qophiin lafaa qonna Gannaatiif taasifamu mala kilaasteraan lafa hektaara 250 irratti tiraakteera 42 bakka Obbo Geetuu Gammachuu I/A Hog. fi I/G Damee Qonnaa BQO, Obbo Eeliyaas Kadir I/A Hog. fi I/G Damee Qabeenya Uumamaafi Wabii Nyaataa BQO, Obbo Tasammaa I/G Waajjira Ministeera Qonnaa fi Hoggansi Godina Arsii argamanitti qotameera.

Bara kana galmoota gurguddoo arfaniifi inisheetiivoota qabaman galmaan ga’uuf hojiiwwan qonnaa hundaarratti xiyyeeffannoodhaan hojjetamaa jiraachuu Obbo Geetuun ibsaniiru.

Yeroo ammaattis, hojii qonnaa ammayyeessuun oomishtummaa qonnaa guddisuuf tiraakterota akka naannoo keenyaatti jiran 4800 karaa qindoomina qabuun lafa kilaasteraan misoomsuuf karoorfamerratti bobba’uun qophii lafaa akka taasisaniif hojjetamaa jiraachuu himuu ragaan Biiroo Qonnaa Oromiyaarraa argame ni mul’isa.

Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment