Qonna sirna nyaataa deeggaru hojiirra oolchuun lammii qaroomina qabuufi oomishaafi oomishtummaa qonnaa guddisu horachuuf hojjetamaa jira – Obbo Geetuu Gammachuu 

Finfinnee, Waxabajjii 4, 2015 (FBC) –Qonna sirna nyaataa deeggaru hojiirra oolchuun lammii qaroomina qabuufi oomishaafi oomishtummaa qonnaa guddisu horachuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jirachuu hogganaan Biiroo Qonnaa Oromiyaa Obbo Geetuu Gammachuu ibsaniiru.

Hojiin qonnaa Nyaataafi Sirna Nyaataarratti xiyyeeffachuun lammiilee sammuun qaroomaniifi abdii biyyaa ta’an horachuun akkaataa hojjetamuu danda’amurratti mareen qooda fudhattoota Biiroo Qonnaafi Federaala irraa hirmaatan waliin gaggeeffameera.

Hojiiwwan qonnaa sirna nyaataa lammiilee mirkaneessan hojiirra oolchuun hawaasni nyaata madaalawaa soorachuun quucarummaa hanqina nyaata madaalawaan dhufuu malu xiqqeessuuf hojjetamaa jira jedhame

Biiroon Qonnaa Oromiyaa caasaa nyaataafi sirna nyaataa hundeessuun caasaa hanga aanaatti diriirsuun hubannoon nyaataafi sirna nyaataa misoomsuufi soorachuurratti akka babal’atuuf hojjetaa jiraachuu Obbo  Geetuun ibsaniiru.

Haala hojjicha caalmaan itti fufsiisuun danda’amurratti mari’atameera.

Hojii kana caalmaan itti fufsiisuun yaaddoo quucarummaa hanqina nyaata madaalawaarraan dhufu hambisuuf qaamota milkaa’ina sagantichaatiif gumaacha taasisaniif beekamtiin kan kenname yoo ta’u, fuuldurattis hojiin kun caalmaan akka itti fufuuf Abbaan Gadaa Worqinaa Tarreessaa Abbaan Gadaa Warqinaa Tarreessaan Ambaasaaddara Nyaataafi Sirna Nyaataa Biiroo Qonnaa Oromiyaa  ta’uun kan muudaman yoo ta’uu, guyyaa har’aa irraa eegalee hojicha beeksisuufi barsiisuun gahee isaanii akka bahataniif moggaafamaniiru.

Dhaloota nyaata madaalawaa argachuun qaroomina qaban horachuuf carraa argatan hundaan kan beeksisaniifi barsiisan ta’uu Abbaan Gadaa Warqinaa Tarreessaan ibsuu ragaan Biiroo Qonnaa Oromiyaarraa argame ni mul’isa.

Dameewwaniifi sagantaaleen Biiroo Qonnaa jala jiran hundi hojii nyaataafi Sirna Nyaataarratti karoora qabaachuun raawwii isaatiif qindoominaan tumsuu akka qaban Obbo Geetuun kallattii kaa’aaniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment