Qonna magaalaa magaalota eeggattummaa irra humna omishaatti ceesisa-Pir. Shimallis Abdiisaa

Finfinnee, Guraandhala 9, 2016 (FBC)- Hirmaannaan qonna magaalaarratti taasifamu, magaalota eeggattummaa irraa gara humna omishaatti kan ceesisu ta’uu Pireezidantiin Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan ibsan.
 
Pireezidaanti Shimallis gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin akka ibsaniitti, naannoo keenyatti, hojiin qonna magaalaa kallattii xiyyeeffannoo mootummmaa ta’ee hojjetamaa jira.
 
Bu’uuruma kanaan, yeroo ammaa, magaalota hedduutti hirmaannaan qonna qamadii bonee irratti taasifamaa jiru sadarkaa gaariirraa jira jedhan.
 
Magaalaa Shaggaritti, lafa hektaara kuma 60 misoomuun callaa kuntaala miiliyoona 2.4 argachuuf karoorfamee hojjetamaa jiraachuu kaasaniiru.
 
Hirmaannaan kunis, gama tokkoon magaalota eeggattummaa irraa gara humna omishaatti kan ceesisu yoo ta’u, gama biraatiin, magaalonni lafa dhiphaa qaban irraa omisha olaanaa argachuuf beekumsaa fi teknoolojii haaraa madaqsuun hojiirra waan oolchaniif, cehumsa qonna keenyaa dhugoomsuu keessatti gahee olaanaa kan bahatuudha jedhaniiru.
 
#Oromiyaa #Itiyoophiyaa
 
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
 
Teelegiraama https://t.me/afanoromofana
 
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
 
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
 
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
 
Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
 
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Filatamoo
Comments (0)
Add Comment