Qonna Gannaan hanga ammaatti lafti hektarri miiliyoonni 17.7 sanyiin uwwifame – Ministeera Qonnaa

Finfinnee, Hagayya 22, 2016 (FBC) – Qonna Gannaa bara kanaan hanga ammaatti lafti hektarari miiliyoonni 17.7 sanyiin uwwifamuu Ministeera Qonnaa beeksise.

Lafa misoome keessaa heektaarri miiliyoonni 10 Kilaasteraan kan misoome ta’uu himeera.

Bara oomishaa 2016/17 midhaan gosa garaagaraan misoomerraa callaa kuntaala miiliyoona 613 argachuuf hojjetamaa jiraachuu ibseera.

Qonna Gannaa bara kanaan waliigala lafa hektaara miiliyoona 19.2 qotame keessaa hanga ammaatti hektaarri miiliyoonni 17.7 sanyiin uwwifamuu ministeerichi ibseera.

Yeroo ammaa midhaan misoome haalaan kunuunfamaa jiraachuu Ministeerichatti hojii Raawwachiisaan misooma midhaaniin Isaayyaas Lammaan Faanaa Biroodkaastiing Korporeetiif himaniiru.

Masaafinti Iyyaayuutu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment