Qonna Gannaa bara kanaan hanga ammaatti lafti hektaarri miiliyoonni 6.6 sanyiin uwwifamuu ibsame

Finfinnee, Adoolessa 11, 2014 (FBC) – Qonna Gannaa bara kanaan hanga ammaatti lafti hektaarri miiliyoonni 6.6 sanyiin uwwifamuu Ministeerri Qonnaa beeksiseera.

Ministirri Deetaan Ministeera Qonnaa Obbo Mallas Makonniin haala sosochii Qonna Gannaa hanga ammaa jiruu ilaalchisee miidiyaaleef ibsa laataniiru.

Bara Oomishaa 2014/15 lafa hektaara miiliyoona 13.4 ol misoomsuuf karoorfamee hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.

Kana keessaa lafa hektaara miiliyoonni 6.2 kilaasteraan misoomsuun oomishaa fi oomishtummaa dabaluuf hojjetamaa jiraachuu eerameera.

Hanga ammaattis lafti hektaarri miiliyoonni 6.6 sanyiin uwwifamuu ibsameera.

Oomisha bara kanaarraa callaa kuntaala miiliyoona dhibba 4 walitti qabuuf karoorfamee hojjetamaa jiraachuu himaniiru.

Lafa Tiraakteraan qotuuf karoorfame hektaara miiliyoona 5 keessaa hektaarri miiliyoonni 2.2 qotamuus obbo Mallas eeraniiru.

Maddi:- TOI

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment