Finfinnee, Fulbaana 11, 2017 (FBC) – Qonna ceesisuuf hojiin misooma Qonnaa beekumsarratti hundaa’uu akka qabu Ministirri Ministeera Qonnaa Dooktar Girmaa Amanteen ibsan.
Sadarkaa fooyyessa leenjii ogeeyyii buufata misooma qonnaa ilaalchise mariin gaggeeffameera.
Leenjichi Koollejjoota Ministeera Qonnaa fi Ministeera Hojii fi Ogummaa filatamaniin kan kennamu ta’uu eerameera.
Sadarkaa ogeeyyii buufata misooma qonnaa sadarkaa 1ffaa, 2ffaa fi 3ffaa fooyyessuuf leenjii kennamuudha jedhame.
Qonna ceesisuuf hojiin misooma Qonnaa beekumsarratti hundaa’uu akka qabu Dooktar Girmaa Amanteen ibsaniiru.
Qonna ammayyeessuuf humna namaarratti hojjechuun murteessaa ta’uu Ministirri Ministeera Hojii fi Ogummaa Aadde Mufariyaat Kaamiil eeruu ragaan Ministeera Qonnaarraa argame ni mul’isa.
#Oromia #Ethiopia