Qonna baranarraa callaa kuntaala miiliyoona 400tu eegama-Ministeera Qonnaa

Finfinnee, Onkololeessa 22, 2015 (FBC)- Barana akka biyyaatti lafa hektaara miiliyoona 13.4 midhaan gosa garaagaraan uwwifamerraa callaa kuntaalli miiliyoonni 400 ol akka eegamu Ministeerri Qonnaa beeksise.

Ministeerichi hojiilee misooma qonnaa barana ilaalchisuun ibsa miidiyaaleef kenneera.

Ibsicha kan kennaan Minister Deetaan Ministeerichaa Dooktar Mallas Mokonnin, barana akka biyyaatti lafti hektaarri miiliyoona 13.4 midhaaniin uwwifamuun kaasaniiru.

Akka biyyattii laftii hektaarrii Miiliyoona 2.4 qamadiin uwwifamuu ibsaniiru.

Kana keessaa, lafti hektaarri miiliyoona 6.1 kilaasataraan akka misoome ibsanii, barana calalaa kuntaallii miiliyoona 400 ol akka argamuu himaniiru.

Bara darbee qamadii biyya keessatti oomishuun baasii biytaa qamadiif baafamuuf turee Doolaara biiliyoona 1 hambisuun danda’ameeras jedhaniiru.

Milkeessaa Sobbooqaatu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment