Qonna Arfaasaa fi jallisii marsaa 2ffaan lafa hektaara kuma 353 irratti qamadii misoomsuuf hojjetamaa jira-BQO

Finfinnee, Bitootessa 28, 2014 (FBC) – Qonna Arfaasaa fi jallisii marsaa 2ffaan lafa hektaara miliyoona 1.2 misoomsuuf karoorfame keessaa lafa hektaara kuma dhibba 3 fi kuma 53 irratti qamadii misoomsuuf hojjetamaa jiraachuu hogganaan Biiroo Qonnaa Oromiyaa Obbo Abarraa Warquu ibsaniiru.

Jilli Obbo Abarraa Warquun durfamu godina Baalee aanaa Sinaanaa ganda Salqaatti hojii qonna qamadii kilaasteraa lafa hektara kuma 2 irratti faca’u jalqabsiisaniiru.

Akka godina Baaleetti bara kana qonna Arfaasaa fi Jallisii marsaa 2ffaan lafa hektaara kuma dhibba 2 fi kuma 25 misoomsuuf karoorfame keessaa lafa hektaara kuma dhibba  1 kuma 50 irratti qamadii kilaasteraan misoomsuuf karoorfamee hojiitti galamuu Itti gaafatamaan Waajjira Qonnaa godinichaa Obbo Aliyyii Mohaammed ibsuu isaanii ragaan Biiroo Qonnaa Oromiyaarraa argame ni mul’isa.

Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment