Qonna Arfaasaa bara kanaan callaa kuntaala miiliyoona 81.852 ol argachuuf karoorfamee hojjetamaa jiraachuu ibsame

Finfinnee, Bitootessa 23, 2016 (FBC) – Qonna Arfaasaa bara kanaan lafa hektaara miiliyoona 3.1 ol misoomsuun callaa kuntaala miiliyoona 81.852 ol argachuuf karoorfamee hojjetamaa jiraachuu Ministeerri Qonnaa ibseera.
Ministeerichi raawwii hojii misooma Qamadii Jallisii Bonee fi karoora Qonna Arfaasaa ilaachisee ibsa kenneera.
Bara kana Naannoo Oromiyaa, Amaaraa, Sidaamaa, Afaar, Kibba Itiyoophiyaa, Kibba Lixa Itiyoophiyaa,
Giddugaleessaa Itiyoophiyaa, Somaalee, Gaambeellaa fi Beenishaanguul Gumuzitti lafa hektaara miiliyoona 3 ol qamadii jallisii boneen misoomsuun callaa kuntaalaa miiliyoona 120 argachuuf karoorfamee hojitti galamuu himeera.
Haaluma kanaan hanga guyyaa har’aatti lafa hektaara miiliyoona 2.976 ol sanyiin uwwifame keessaa lafa hektaara miiliyoona 1. 499 ol irraa oomishni Kuntaalli miiliyoonni 50 fi kumni 864 ol walitti qabamuu eereera.
Qonnaa Arfaasaa bara kanaan Naannoo Oromiyaa, Amaaraa, Sidaamaa, Afaar, Kibba Itiyoophiyaa, Kibba Lixa Itiyoophiyaa, Giddugaleessaa fi Somaalee lafa hektaara 3.1 ol misoomsuun callaa kuntaala miiliyoona 81.852 argachuuf karoorfamee hojjetamaa jiraachuu ibsameera.
Hanga ammaatti lafa hektaara miiliyoona 2.740 qotame keessaa hektaarri kumni 828 ol sanyiin uwwifamuu himeera.
Comments (0)
Add Comment