Finfinnee, Bitootessa 12, 2017 (FMC) – Qonna Arfaasaa bara kanaaf Boqqolloo sanyii filatamaan kuntaalli kumni 500 qophaa’uu Ministeerri Qonnaa ibse.
Sanyii kana naannoleen ariitiin qonnaan bultootaaf akka raabsaniif kallattiin kaa’amuu eerameera.
Qonnaan bultoonni bal’inaan sanyii boqqolloo filatamaa Limmuufi Shoonee kan fayyadaman ta’uu kan ibsame yoo ta’u, sanyiiwwan boqqolloo filatamoo biyya keessaa biroo akka fayyadamaniif hojiin hubannoo uumuu hojjetamuu qaba jedhameera.
Fedhii dhiyeessii boqqolloo sanyii filatamaa dandeettii biyya keessaan guutuuf hojii hojjetameen bara kana sanyiin boqqolloo filatamaan alaa gale kan hin jirre ta’uunis ibsameera.
Masaafint Iyyaayyuutu gabaase.
#Oromia #Ethiopia