Finfinnee, Eebla 29, 2015 (FBC)- Qonna ammayyeessuun xiyyeeffanna ijoo ta’uu Ittaanaan Muummee Ministiraa fi Ministirri Dhimma Alaa Obbo Dammaqaa Mokonnin dubbatan
Obbo Dammaqaan waltajjii marii Argisiisaa Qonnaa Gola Hambaa Saayinsiitti gaggeeffamaa jirurratti, qonnaan sadarkaa barbadamummaa isaatiin bu’aa kan kennuu danda’u qita xiyyeeffannaa kenninee hojjenneenii jedhan.
Kanaaf qonna ammayyeessuun xiyyeeffannaa ijoo ta’uu dubbataniiru.
Biyya jijjiiruufis ta’e rakkoolee biroo milkeessuuf damichi ammayyaa’uun murteessaa ta’uu kaasaniiru.
Misooma qamadii yeroo ammaa gaggeeffamaa jiru akka fakkeenyaatti kaasuun qamadiin nu’irra darbee kanneen biroof fakkeenya kan ta’eedha jedhan.
Ministirri Ministeera Qonnaa Dooktar Girmaa Amanteen gama isaani, hojiilee qonnaa teeknooloojiin hinutubamne ammayyeessuuf hojiileen garaagaraa hojjetamaa jiraachuu ibsan.
Haaluma kanaan waggoottan sadan darban damee qonnaaf deeggarsi Birrii biiliyoona 36 taasifamuu himaniiru.
Fuuldurattis damee qonnaa teeknooloojiiwwan ammayyaan walitti hidhuun jijjiirama akka fiduuf ni hojjetama jedhaniiru.
Taarikuu Laggasaa fi Solomoon Yittaayyewutu gabaase.
#Oromiyaa #Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;
Teelegiraama https://t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.