Qondaaltoonni olaanoon mootummaa naannoo Oromiyaa hojiilee misoomaa Magaalaa Shaggar daawwatan

Finfinnee, Sadaasa 13, 2017 (FBC) – Hoggantoonni Olaanoon Sadarkaa Ittaanaa Pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaatti Qindeessaa kilaastara qonnaafi Misooma Baadiyaa Obbo Addisuu Araggaan durfamu hojiilee misoomaa Magaalaa Shaggar daawwateera.

Jilli kun hojiilee Misoomaafi kilaastara Inisheetiviwan Qonnaa Kutaa Magaalaa Malkaa Noonnootti argamuun daawwataaniru.

Inisheetiiviiwwan qonnaa, Mana barnootaa Bu’uuraa Boruu,Giddu gala Gabaafi Indaastiiriiwwaan godoo daawwatamaniiru.

Magaalichatti galma wabii nyaataa mirkaneessuufi ogummaa dagaagsuuf qabame milkeessuuf baay’ina, ariitii fi qulqullinaan hojjetamaa jiraachuu ibsameera.

Injifannoo argame utubuuf dinagdeen cimsuun murteessaa ta’uu ibsameera.

Sadarkaa Ittaanaa Pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaatti Qindeessaa kilaastara Qonnaafi Misooma Baadiyaa Obbo Addisuu Araggaa, Kantiibaa Bulchiinsa Magaalaa Shaggar Dooktar Tashomaa Addunyaa, Itti Gaafatamaa Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Magaalaa Shaggar Obbo Alamaayyoo Tulluu fi hoggantoonni Kutaa Magaalicha daawwannicharratti argamuu ragaan Kominikeeshinii magaalichaarraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment