Qondaaltonni mootummaa naannolee ergaa baga gammaddanii dabarsan

Finfinnee, Adooleessa 16, 2012 (FBC)- Hidhi Haaromsaa marsaa jalqabaatin bishaanin guutamuu isaatin qondaaltonni naannolee ergaa baga gammaddanii dabarsan.
 
Qondaatonni mootummaa naannoo Amaaraa, Beenishaanguul Guumz, Somaalee, naannoo Kibbaa, naannoo Afaarii fi magaalaa Finfinnee Hidhi Haaromsaa marsaa jalqabaatin bishaanin guutamuu isaatin baga gammaddan jedhaniiru.
 
Preezdaantiin naannoo Amaaraa obbo Tamasgeen Xiruunahii fi gitni isaanii naannoo Beenishaanguul Guumz obbo Ashaadlii Haasan hidhichi sadarkaa kanarra ga’uu isaatin baga gammaddan jedhaniiru.
 
Preezdaantiin naannoo Somaalee obbo Musxafee Mahaammad, itti aanaan preezdaantii naannoo Kibbaa obbo Ristuu Yirdaaw, preezdaantiin naannoo Afaar obbo Awwal Arbaa fi itti aanaan kantiibaa magaalaa Finfinnee Injiinar Taakkalaa Uumanis ergaa baga gammaddanii dabarsaniiru.
 
Preezdaantonni naannolee ibsa isaanitiin Abbayyaan akka maqaa isaa ta’e, hanga har’aatti rakkisaa ture jedhaniiru.
 
Injinar Taakkalaan ergaa baga gammaddanii dabarsaniin seenaa milkii bara keenyaa kan ta’e ijaarsi Hidha Haaromsaa Guddicha boqonnaa murteessarra gahuun marsaa jalqabaan guutinsi bishaanii milkiin xumurameera jedhaniiru.
 
Biyyi keenya milkii kanarra ga’uu isheef lammiilee Ityoophiyaa hundaaf baga gammaddan jedhaniiru
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Filatamoo
Comments (0)
Add Comment