Finfinnee, Mudde 16, 2016 (FBC)- Qondaaltonni Olaanoo Mootummaa Federaalaa fi Naannoo Amaaraa Riqicha Abbaay Magaalaa Baahirdaaritti ijaramaa jiru daawwataniiru.
Daawwannicharratti Pireezidaantiin Naannoo Amaaraa Obbo Araggaa Kabbadaa, Daayrektarri Olaanaa Tajaajila Nageenyaa fi Odeeffannoo Biyyaalessaa Tamasgeen Xurunaa, Itaamaajoor Shuumii Ittaanaan Raayyaa Ittisa Biyyaa Jeneraal Ababaawu Taaddasaa fi qondaaltonni olaanoo naannichaa biroon argamaniiru.
Obbo Araggaa Kabbadaan wayita kanaatti hasaawa taasisaniin, hojiilee bu’uuraalee misoomaa saffisaan hojjetamuu qabu jechuu isaanii AMC’n gabaaseera.
#Oromiyaa #Itiyoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama https://t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.