Qondaaltonni mootummaa, hoggantoonni caasaa nageenyaa, oomishtoonni daldala seeraan alaa warqeerratti hirmaatan 32 to’ataman

Finfinnee, Waxabajjii 18, 2015 (FBC)- Qondaaltonni mootummaa, hoggantoonni caasaa nageenyaa, oomishtoonni daldala seeraan alaa albuuda Warqeerratti hirmaatan 32 to’annoo jala oolfamuu Tajaajilli Nageenya Odeeffannoo Biyyaalessaa beeksise.

Tajajilichi akka beeksisetti namoonni to’annoo jala oolfaman kunneen, seeraan ala Albuuda Warqee wayita oomishan, gabaa Gurraachatti wayita gurguran, akkasumas lammiilee biyya alaa waliin michummaa faayidaa uumuun gochaa faayidaa biyyaalessaa miidhurratti bobba’anii argamuurraan akka ta’e TOI gabaaseera.

Kanneen to’ataman 32 keessaa 8 hoggantoota caasaa nageenya mootummaa yoo ta’an, 7 ammoo oomishtootaa eeyyaama seera qabeessa da’effachuun hojiilee seeraan alaarratti hirmaachaa turan akkasumas 17 daddabarsitoota seeraan alaa fi gochaalee seeraan alaarratti hirmaachaa turan ta’uun ibsameera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment