Qodaaltonni Federaalaa fi naannoo hojiilee misooma Magaalaa Shaggar daawwatan

Finfinnee, Waxabajjii 1, 2016 (FBC)- Qondaaltoonni Federaalaa fi naannoo hojiiwwan misooma garaagaraa magaalaa Shaggaritti hojjatamaa jiran daawwataan.

Daawwannicharratti Ministirri Ministeeraa Misoomaa fi Pilaanii Dooktar Fitsum Asaffaa, Pireezidaantii Naannoo Giddugala Itiyoophiya Obbo Indaashaawu Xaasawu, Kantiibaa Magaalaa Shaggar Dooktar Tashoomaa Addunyaa dabalatee qondaaltonni biroon hirmaataniiru.

Dawwaannaa kanaan Inisheetiviiwwan qonnaa, horsiisa loonii, lukkuu, Misoomaa Dammaa, pirojeektii balfi itti adda bahu hojjatamaa jiru daawwataniiru.

Pireezidaantii Naannoo Giddugala Itiyoophiya Obbo Indaashaawu Xaasawu, oomisha dammaa, horsiisa loonii, lukkuu daawwataniin wanti argan karoora wabii midhaan nyaataa mirkaneessuuf akka biyyaatti qabameef bu’uura ta’a jedhan.

Sadarkaa Ittaanaa Pireezidaantiitti Kantiibaan Magaalaa Shaggar Dooktar Tashoomaa Addunyaan, Shaggar erga hundeeffamee hojiilee guguddaan hojjetamuu eeraniiru.

Fuulduraattis Shaggar Magaalaa diinagdee taasisuuf hojjatamaa jiraachuu himuu ragaan kominikeeshinii magaalichaarraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment