Finfinnee, Onkololeessa 19, 2017 (FBC) – Qocholoowwan diinaa gabaabaatti hambisuuf rakkoo keessoo furuun barbaachisaa ta’uu Daayrektarri Jeneraalaa Tajaajila Odeeffannoo fi Nageenya biyyaaleessaa Ambaasaaddar Reedwaan Huseen ibsan.
Ambaasaaddar Reedwaan Koolleejjii Waaraanaa Raayyaa Ittisaatti argamuun dhimmoota xinxaala Sodaa Biyyaalessaa fi Naannawaa ilaalchisee barattoota sagantaa idilee marsaa 3ffaaf ibsa taasisaniiru.
Dhimmoota sodaa biyyaaleessaa ta’aan adda baasuu fi xinxaaluun Imaammataa fi tarsiimoo ifa ta’e bocuuf akkasumas deebii gahaa kennuuf meeshaalee dandeessisan ijaaruun murteessaa ta’uu himaniiru.
Faayidaa Biyyaalessaa eeguuf, beekumsii fi diinagdeen akkasumas nageenyii fi tokkummaan ummataa bu’uura cimaarratti ijaaramuu qaba jedhan.
Qocholoowwan keessaa fi alaa mudatan gabaabaatti hambisuuf rakkoolee keessoo furuu fi tumsaan hojjechuun murteessaa ta’uu dubbataniiru.
Daangaa fi faayidaa biyyaalessaa kabachiisuuf hirmaannaan lammiilee hundaa murteessaa ta’uus kaasuu ragaan fuula miidiyaa hawaasummaa Raayyaa Ittisaarraa argame ni mul’isa.