Qocholaa gareen Shororkeessaa ABUT taasiisaa jiru ittisuuf qaamoleen nageenyaa tarkaanfii akka fudhatan kallattiin kaa’ame

Finfinnee, Amajjii 20, 2014 (FBC) – Qocholaa gareen Shororkeessaa ABUT taasiisaa jiru ittisuuf Raayyaan Ittisaa fi qaamoleen nageenyaa tarkaanfii qorannoorratti hundaa’a akka fudhatan kallattiin kaa’ameera.
Mana Maree nageenyaa federaalaa fi Preezdaantoota naannolee Muummee Ministiraa FDRI Abiy Ahimadiin durfamu haala nageenyaa biyyaalessaarratti mari’achuun kallattii yeroo itti aanuu kaa’eera.
Haala nageenyaa biyyattii yeroo ammaa itti fufsiisuuf, sochii seeraan alaa qolachuu fi caaseeffama idileen alaa sababa waraanaan uumame kallattii qabsiisuuf waliigalamuu ibsameera.
Qocholaa gareen shororkeessaa ABUT qaqqabsiisaa jiru hordofee qaamoleen nageenyaa haala tarkaanfii madaalawaa ta’e iit fudhachuu danda’u kallattiin kaa’ameera.
Daayreektarri olaanaan Tajaajila Odeeffannoo fi Nageenya biyyaalessa obbo Tamasgeen Xirunahiin, dhimmoota biyyattiif sodaa ta’an gamanumaan adda baasuun sarara qabsiisuu fi tarkaanfii sirreeffamaa fudhachuun dirqama ta’uu kaasaniiru.
Rakkoo keessoo furuurra darbee yeroo itti aanu nageenya mirkaneessuu fi hariiroo biyyaalessaa cimsuuf kallattiin kaa’amuu himaniiru.
Sochii garee shororkeessitootaa gamaaggamaan haala tarkaanfiin barbaachisaa ta’e fudhatamuu qaburratti kallattiin kaa’amuu Ministirri Ministeera Raayyaa Ittisaa Dooktar Abrahaam Balaay himaniiru.
Kallattii kaa’amee fi dhimmoonni irratti waliigalame qaamoleen nageenyaa federaalaa fi naannolee sadarkaan jiran hojiitti ni hiikuun eeggama jedhame.
Hayilayesuus Siyyuumtu gabaase.
Ityoophiyaa :- Misoomsuuf, Ijaaruuf, Yaa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Filatamoo
Comments (0)
Add Comment