Qo’annoon qorannoo fi ce’umsa teknolojii saffisiisa jedhame ifoome

Finfinnee, Waxabajjii 3, 2014 (FBC) – Fooramii yuunivarsiitii indaastirii hundeessuun qorannoo fi ce’umsa teekinooloojii saffisiisuuf ni gumaacha kan jedhamee qo’annoon ifoome.
Yuunivarsiitiin Finfinnee qorannoo gaggeesserratti qaamolee dhimmichi ilaallatu waliin mari’ataa jira.
Itti Aanaa Preezdaantii Qorannoo fi Ce’umsa Teekinooloojii Yuunivarsiitichaa Dooktar Mitikkee Mollaa, qorannoowwan jijjiirama qabatamaa akka fidaniif tajaajila indaastiriiwwan oomishaa kennan, waliin walitti hidhamiinsa uumuun barbaachisaadha jedhan.
Qorannoon har’a ifoome kunis barattoota fi barsiisota, indaastiriiwwan waliin hariiroo uumuun akkasumas indaastiriiwwan yuunivarsitiitti akka hojjechiisan gochuuf kan kaayyeffateedha jedhan.
Fooramiin walitti hidhamiinsa yuunivarsitii indaastirii, qorannoo kamiyyuu abbummaan industiriiwwan kan hirmaachisu, bu’aa isaas waloon hojiirra oolchuuf ni dandeessisa jedhameera.
Qoranoon furmaata rakkoo biyyaalessaa, galtee imaammataa ta’uutti dabalataan kallattiin hojiitti akka hiikamuuf carraa kan kennuudha jedhameera.
Haayileyyesuus Siyyumtu gabaase
Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment