Qisaasama oomishaa hambisuun oomishtummaa keenya haa guddifnu-BKO

Finfinnee, Onkololeessa 27, 2015 (FBC)- Qisaasama oomishaa hambisuun oomishtummaa keenya haa guddifnu jechuun Biiroon Kominikeeshinii Oromiyaa ibse.

Biirichi, yeroo ammaa oomisha qonnaa waliti qabamaa jiru ilaalchisuun ibsa baaseera.

Guutummaan ibsichaa akka ittaanutti dhiyaateera.

Biyyi keenya dachee gabbataafi haala qilleensaa bonaafi ganna oomishuuf mijataa ta’e kan qabdu dachee magariituudha.

Haata’u malee qabeenya uumaan biyya keenya badhaase kanatti fayyadamuun wabii nyaataa mirkaneessuu hin dandeenye.

Kun qaanii guddaa ta’uu kan hubate Mootummaan Naannoo Oromiyaa haala kana jijjiiruun birmadummaa abbootiin keenya dhiigaan tiksanii nutti dabarsan guutuu taasisuuf miira xiiqiin hojjechuu irratti argama.

Waggoottan arfan darbanii asitti dinagdee dam-daneessaafi dandamataa ta’e ijaaruun biyya waan hundaan of dandeesse uumuufis bu’uura cimaa kaa’aa jira.

Keessumaa imaammata dinagdee humna oomishaafi pootenshaalota akka biyyaatti jiran adda baasuun hojiirra oolchuu dandeessisu bocuun muuxannoo jiru qindeessuun hojii hojjetameen bu’aan qabatamaan galmaa’aa jira.

Mootummaan Naannoo Oromiyaa carraa gaarii naannicha keessa jiru adda baasuun, inisheetiivota uummata keenya hirmaachisaaniifi fayyadamaa taasisan maddisiisuufi aadaa hojii uummataa jijjiiruun keessumattuu damee qonnaatiif xiyyeeffannoo olaanaa kennuun uummata Oromoo dinagdeen cimsuuf hojjetaa jira.

Inisheetiivonni qonnaa haaraan hojiirra oolaa jiran oomishaafi oomishtummaafi fayyadamummaa qonnaan bulaa naannoo keenyaa kan dhugoomsan, oomisha alaa galu bakka kan bu’an, al-ergee biyya keenyaa kan guddisan akkasumas wabii midhaan nyaataa kan mirkaneessanidha.

Tarkaanfii qonna ammayyeessuuf Mootummaan Naannoo Oromiyaa fudhachaa jirun qonna rooba gannaa qofa irratti rarra’ee ture hambisuun waggaatti yeroo lamaaf sadi oomishuun, qonnaan bultootaaf teknoloojiifi galteewwan qonnaa dhiyeessuun akkasumas qonnaan bultoonni lafa ciccitaa irratti oomishuurra qindaa’anii akka qotan taasisuun oomishaaf oomishtummaa akka dabalu taasisee jira.

Bara darbe oomisha biyya keessaan fedhii biyya keessaa guutuun kan danda’ame yoo ta’u, qamadii alaa galu guutummaatti hambisuun danda’amee jira.

Qonnaan bultoonni keenya tarsiimoo mootummaan diriirsuu fudhachuufi hojiitti hiikuun roobaaf aduu dandamattanii galma keenya fagoo bira ga’uuf jirru milkeessuu keessatti qooda keessan waan baataniif Mootummaan Naannoo Oromiyaa galata isinii galchuu barbaada.

Bara kana rooba gannaa qofaan qamadiin lafa heektaara miiliyoona 1.7 irratti kan oomishame yoo ta’u qonna bonaatiin ammoo lafa heektaara miiliyoona 1 ol qamadiin uwwisuuf hojiin eegaleera.

Kanaanis fedhii biyya keessaa guutuu bira darbee qamadii gabaa addunyaaf dhiyeessuuf xiyyeeffannoo addaan hojjetamaa jira.

Kanaafuu, oomisha sadarkaa sassaabbii irra gahe yeroo osoo itti hin kenniin daboofi guuzaan akkasumas maloota ammayyaa biroo fayyadamuun qisaasama tokko malee sassaabuun murteessaa waan ta’eef xiyyeeffannoo olaanaan hojjetamuu qaba.

Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa

Onkoloolessa 27, 2015

Finfinnee

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment