Qindoominnii fi ciminni sirna sagantaa kadhannaarratti muul’ate rakkoo biyyattii hundeerraa furuuf yoo itti fayyadamne humna guddaadha – MM FDRI Abiy Ahimad

Finfinnee, Eebila 28, 2012 (FBC) – Qindoominnii fi ciminni sirna sagantaa kadhannaa Baatii tokkoof gaggeeffamerratti muul’ate rakkoo biyyattii hundeerraa furuuf yoo itti fayyadamne humna guddaadha jedhan Muummee Ministiraa FDRI Abiy Ahimad.
 
Sirni sagantaa kadhannaa Baatii tokkoof dhaabbilee mana maree amantaa Ityoophiyaan labsamee ture guyyaa kaleessaa xummurameera.
 
Cufiinsa sirna sagantaa kadhannaa gaggeeffamaa ture ilaalchisee Muummee Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimad Fuula Feesbuukii isaaniin ergaa dabarsaniiru.
 
Ergaa isaaniin ‘Sagantaan kadhannaa akkaataa abbootiin amantaa Ityoophiyaa ajajaniin Baatii tokkoof gaggeeffame guyyaa gootota duraanii xumurameera’ jedhan.
 
Sagantaan kadhannichaa qabeenya afuuraa hedduu akka qabnu nu agarsiiseera jedhan.
 
Walta’insaa fi tattaaffii sagantaa kadhannichaarratti muul’ate rakkoo biyya kanaa hundeerraa dhabamsiisuuf yoo itti fayyadamne humna guddaa ta’uu ibsaniiru.
 
Dooktar Abiy Ahimaad,Qaamoolee saganticha qopheessan, qindeessanii fi miidiyaalee tamsaasaa turan hunda galateeffataniiru.
 
Sirna cufiinsaa kanarratti dureewwan amantaa fi hoggantoonni mootummaa olaanoon argamaniiru.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Filatamoo
Comments (0)
Add Comment