Qindoominni Raayyaa Ittisaa Ameerikaa, Jaappaanii fi Kooriyaa Kibbaa waldhabdee naannawaa hammeessa – Chaayinaa

Finfinnee, Hagayya 9, 2015 (FBC) – Qindoominni Raayyaa Ittisaa Ameerikaa, Jaappaanii fi Kooriyaa Kibbaa waldhabdee naannawaa kan hammeessu ta’uu Chaayinaan ibsite.

Hoggantoonni Ameerikaa, Jaappaanii fi Kooriyaa Kibbaa Jimaata dhufu Kaampi Deeviiditti kan walga’an ta’uu eerameera.

Biyyoonni kunneen Damee Teeknooloojii fi Raayyaa Ittisaan Inisheetiivii haaraa ni ifoomsuun kan eegamu ta’uu CGTN gabaaseera.

Walga’ichaan dura Ministirri Alaa Ameerikaa Antoonii Biliinkanii Ministira Alaa Jaappaanii Yooshiimaasaa Haayaashii fi Kan Kooriyaa Kibbaa Paarki Jiin marii taasiisuu isaanii Ministeerri Alaa Ameerikaa beeksiseera.

Ajandaa walga’ii Jimaatarratti mari’achuu isaanii eerameera.

Tumsi Mootummaa fi Raayyaa Ittisaa biyyoota kanneenii nageenya naannawaaf kan fayyadu ta’uu akka qabu Ministeerri Alaa Chaayinaa ibseera.

Tumsi sadee kun qaama 3ffaa irratti kan xiyyeeffate yookaa biyya kamuu kan miidhu ta’uu akka hin qabne yaadachiiseera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment