Qindoominni dhaabbii biqiltuurratti mul’ate hojii misoomaa biroof fakkeenya gaarii kan ta’uudha – Dooktar Laggasaa Tulluu

Finfinnee, Adoolessa 10, 2015 (FBC) – Qindoominii Sagantaa guyyaa tokkotti biqiltuu miiliyoona 500 dhaabuurratti argame hojii misoomaa biroof fakkeenya gaarii kan ta’u jedhan Ministirri Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa Dooktar Laggasaa Tulluun.

Sagantaan ashaaraa magariisaa guyyaa tokkotti biqiltuu miiliyoona 500 dhaabuu sadarkaa biyyaatti gaggeeffamaa jira.

Dooktar Laggasaa Tulluun hojiin sagantaa ashaaraa magariisaa hojii biqiltuu dhaabuu qofaa osoo hin taane hojii hongee ittisuu, oomishaafi oomishitummaa dabaluun wabii midhaan nyaataa mirkaneessuti jedhan.

Qindoominni hojii duula guyyaa tokkotti biqiltuu miiliyoona 500 dhaabuurratti argame karoora misooma kamiyyuu yoo qindoominaan hojjennee milkeessuu akka dandeenyu kan mul’isudha jechuun eeraniiru.

Karoora kana milkeessuuf kaka’umsi uummata biratti mul’ate ajaa’ibsiisaa ta’uu kaasaniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment